Yoo kaane hin dhabnu bilisummaa by Anonymous / go back to Fourth Issue 
      Yoo  kaane hin dhabnu bilisummaa
      Dammaqaa ka’aa, maaliif gadi  jennaa ?
        Yeroon   keenya ammaa, mataa olqabannaa
        Tan duraatuu nu geessii, gadi qabaan  diinaa
        Harras jaluma ciisuuf, callifnee  tetteenyaa
        Gogaa akkamii uffannee , dhiiga  akkamii qabnaa?
        Kan nurratti hadoodee, taa’u qabsoo diinaa
        Silaa akka gabrummaatii, lafarraayyuu  dhumnaa
        Kan jirutu horaa, akkamiin  dhabamnaa ?
      
        
          Osoo biyya  qabnuu , irra jiraachuu dadhabnee
            Osoo afaan  qabnuu, diinaan lugaamamnee
            Roorroon nu  baaftee, biyyarraa baqannee
            Kan biyyatti hafnes,  beela mudannee
            Kuun rasaasaanuu dhumaa, salphumatti ajjeefamee
            Gatiin lubbuu  keenyaa , tayfiitti madaallamee
            Namaan gadi  taanee, namummaa dhabne.
        
      
      Harras akkasumaa, nuti coraa hin qabnuu
        Kan siree korree, hirriibaaf  kurruufnuu 
        Yaa ummata keenya, dammaqaa haa kaanuu
        Namaan wal qixxaachuuf, nutis  haafalmannuu
        Qabeenya keenyarratti, falmii haa  garsiifnuu
        Usnee tattaa’uu mitii, gamuma hundaanuu.
      
        
          Kan qawwee  hidhates, rasaasa qabatee
            Kan barnoota  qabus, qalama fudhatee
            Dubartiif  dhiiraan, hundumtuu hirmaatee
            Qooda  qaburratti, dirqama bahatee
            Akka nama  bilisoomee, osoo tahuu baatee
            Gabrummaa jalaa  bahuuf, ka’ee dhidhiitatee
            Silaa diina  ufirraa buusuun, way fagoo taatee ?
        
      
      Garuu waatu jiraa, san nu martuu ni  beeynaa
        Tan gufuu nutti taatee, bilisummaa  teenyaa
        Isiittis ni duullaa  tunis waan  salphinaa
        Fira ofii dhiifnee, alagaaf bitamnaa
        Mammaaksa Oromoo, kan dabre hubannaa
        Gorsaaf nuu dhiisanii, daganne moo  beeynaa
        Akkana jedhaa kunoo, ilmoon bofaa  bofumaa
        Alagaan waa siif hin godhuu, firumatu  sitti aanaa
        Lakki mee hubadhuu, itti yaadi kanaa
        Numatu wal dhibee, jechuun salphinaa
        Nyaata kokkee laallee, ummata keenya  hubnaa
        Isaan jechuun ammoo, abbaaf haadha  keenyaa
        Qarshiitti gurgurree, qabeenyaan  jijjiirannaa
        Tan boodaa hin laalluu, tan ammaa qofa  garraa
        Yoo beelofnes , jabeeffachuu dadhabnaa
        Lakki mee hubadhuu, itti yaadi tanaa.
        Bu’aa siif qabaa, firatu sitti aanaa
        Qabsoo bu’aa hin qabne, dhiisi harran  tanaa
        Tan haqatti hiriirii, ka’i waliin kaanaa
        Kaayyoo dhugaa taate, waliin  jabeeffannaa
        Yoos qabsoo taatii, tan firaaf falmannaa
        Tan duraanii kijibaa, maaliif wal  sossobnaa
        Ammas gaafiin keenya kanaa, isarratti  du’uu qabna.
        Kan ormaa saamuufii mitii, kan keenya  bilisa baafnaa
        Afaanii fi aadaa keenya, jennee ni  guddifannaa
        Koottaa nuu baraa mitii, keenyuma  barsiifannaa
        Lafa baldhoo qabnaa, hin jenne teessan  nuuf muraa
        Nuu dhiisaa jennee teenya, tanuma gaafa  duraa
        Jennaan nu didanii, balleessaa maal  qabnaa ?
        Nutis tanuma jennee, addunyaatti  himannaa
        Garaa jalaanis, isii wawwaraanaa
        Tana hin dhiifnu kaa, isiirratti ni dhumnaa
        Mirga rabbi nuu kennee, isiif jennee  dhiifnaa ?
        Yoo dubbiin jabaattees, tahuu hin ooltu  boodaa
        Lola mancaaf albee, tan gaafa Ruwaandaa
        Tan halkan tokkotti dhume, kumaatamni  ummataa
        Sanuu caalchifnee, godhuun ni salphataa
        Akka lukkuu qufaan qabe yeroo ammaa
        Barbaadanii gubuudha, maal qabnaaf  beellama
        Rabbiin nuhaa gargaaruu, kan jenne  hundumaa
        Nutis yoo kaane, hin dhabnu bilisummaa.
      ______________________